Fana: At a Speed of Life!

Paartileen siyaasaa iyyannoo qaban guyyoota 2 keessaatti dhiyeeffachuu akka qaban boordiin filannoo biyyaalessaa hubachiise

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC) – Paartileen siyaasaa iyyaannoo qaban ulaagaa barbaachisu guutuun guyyoota 2 keessaatti dhiyeeffachuu akka qaban Boordiin Filannoo Biyyaalessaa hubachiiseera.

Boordichi adeemsa sagalee laachuu Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaarratti iyyannoo hanga ammaatti dhiyaatan qulqulleessaa jiraachuu ibseera.

Paartileen siyaasaa adeemsa sagalee laachuu, sagalee lakkaa’uu fi bu’aa filannoo ibsuurraatti komii qaban dhimmoota guutttamuu qaban guutuun dhiyeeffachuu akka qaban hubachiiseera.

Qaamni yookaa namni iyyannichaaf deebii laachuu qaba jedhamu yoo jiraate maqaa fi teessoon isaa waliin eerramuu akka qabu Boordichi ibseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.