Fana: At a Speed of Life!

Seerri kubbaa miilaa Awurooppaa galchii dirreen ala lakkoofsisuu jedhu jijjiirrame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC) – Seerri kubbaa miilaa Awurooppaa galchii dirreen ala lakkoofsisuu jedhu jijjiirramuu ibsame.

Dorgommii kubbaa miilaa kilaboota Awurooppaa keessatti hojiirra oolaa kan ture seerri gareen dirree ofiisaatiin alatti goolii lakkoofsise jedhu bara dorgommii itti aanurraa kaasee akka hafu bulchaan kubbaa miilaa Ardichaa, UEFA’n ibseera.

Akka seera bara 1965 irraa kaasee hojiirra oolaa turetti, gareen lama dhaqaa galaan goolii walqixa yoo lakkoofsisan gareen dirree ofiitiin ala goolii caalaa lakkoofsise akka gara marsaa itti aanutti darbu taasifamaa tureera.

Seerri durii kun hafee akka isa haaraatti ammoo yoo gareen lamaan tapha dhaqaa galaan walqixa ta’an akka sa’atii dabalataa taphatan ykn akka rukkutaan kennameefii adda bahan taasifama jedhameera.

Koreen dorgommiiwwan kilaboota Uefa yaada kana ji’a Caamsaa keessa kan dhiyeesse yoo ta’u, amma koree hoji-raawwachiiftuuttin ragga’eera.

Seerri duraan ture kun taphoota Shaampiyoons Liigii, Liigii Awurooppaa, Yurooppaa Konfereens Liigiifi Shaampiyoons Liigii dubartootaarratti hojiirra hin oolu jechuudha.

Seerri haaraan murtaa’e kun dorgommiiwwan Awurooppaa irratti garaa garummaa dirraa ofiirrattiifi dirreen alatti mo’achuufi goolii lakkoofsisuun qabu ni dhiphisa jedheera.

Maddi:-BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.