Fana: At a Speed of Life!

Manni Murtichaa gamoowwan qabeenya miseensota garee ABUT qaama walabaan akka bulu murteesse

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC) – Manni Murtii Federaalaa Gamoowwan qabeenya miseensota garee ABUT qaama walabaan akka bulu murtee dabarse.
Manni Murtii Federaala dhaddacha Ramadii 1ffaa Araadaa Waxabajjii 16,17, 18 , 2013 oolen Gamoowwan daldalaa miseensota garee Shororkeessaa ABUT qaama walabaan qabamee akka bulu murtoo laateera.
Gamoowwan qaama walabaan akka bulan murtoon irratti darbe waliigala 30 ta’u jedhame.
Haaluma kanaan :-
1. Gamoon maqaa Jeneraala Tsaadiqaan G/Tansaayiin Finfinneetti argamu 2,
2. Gamoon maqaa Jeneraala Abbabaa Taklayimaanootiin Finfinneetti argamu abbaan darbuu 5 ‘Walalaa’ jedhamuun beekkamu,
3. Gamoon maqaa Birgaadeer Jeneraala Migibee Haayyaalan Finfinnee fi Maqaleetti argamu 2,
4. Gamoon maqaa Birgaadeer Jeneraala Taaddasaa warradaan Maqaleetti argamu 2,
5. Gamoon maqaa Birgaadeer Jeneraala Taklaay Ashabbiriin Finfinneetti argamu abbaan darbii 5 Gamoo ‘Billeen’ jedhamuub beekkamu,
6. Gamoon maqaa Birgaadeer Jeneraala Yohaannis Walda Giyoorgisiin Maqaleetti argamu 3,
7. Gamoon maqaa meejer Jeneraala Hintsaa Walda Giyoorgisiin Maqaleetti 1,
8. Gamoon maqaa meejer Jeneraala Ibraahiim Abduul Jaliilin Maqaleetti arhamu 1 fi
9. Kuusaan Boba’aa Maqaa Hayilaa Tasfaakiroosiin Maqaleetti argamu 3 kanneen qaama walaban akka akka bulan murtoo irratti darbe keessatti kan argaman ta’uu Ragaan Abbaa Alangaa Waliigalaarraa argame ni muul’sa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.