Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa ce’umsa diimookiraasii Ityoophiyaan taasisaa jirtu kan deeggaran ta’uu Imbaasiiwwan ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC) – Adeemsa ce’umsa diimookiraasii Ityoophiyaan taasisaa jirtu kan deeggaran ta’uu Imbaasiiwwan teessoo isaanii Finfinnee taasiifatan ibsaniiru.
Imbaasiwwan Ostiiriyaa, Awustiraaliyaa, Kaanaadaa,Deenmark, Ayeerlaand, Jappaan, Lugzambaarg, Niwuuzilaand, Norweey, Siwidiin, Neezarlaand, Yuunayitiid Kiingidam teessoon isaanii Magaalaa Finfinnee taasiifatanii fi Ityoophiyaatti jilli Gamtaa Awuurooppaa filannoo Ityoophiyaa ilaalchisuun ibsa waloo baasaniiru.
Imbaasiiwwan kunneen adeemsa ce’umsa diimookiraasii Ityoophiyaan taasisaa jirtu kan deeggaran ta’uu eeraniiru.
Ityoophiyaa keessatti sirni diimookirasii akka babal’atuf hojii hojjetamu kan deeggaran ta’uu himaniiru.
Filannoon Biyyaalessa Ityoophiyaa marsaa 6ffaaf fooyya’insa qabaachuu kaasaniiru.
Filannoon biyyattii paartileen siyaasaa, waldaaleen siivikii fi miidiyaleen hojii qindoominaan hojjetaniif dinqisiffataniiru.
Wayita filannoo rakkooleen muudatan jiraachuu Imbaasiwwan kunneen eeraniiru.
Rakkooleen turan filannoo fuula dura gaggeeffamuf barnoota ta’uu akka danda’u hubachiisaniiru.
Filannoo qofaan sirna dimookiraasii mirkeessuun kan hin danda’amne ta’uu eeraniiru.
Mootummaa fi ummanni biyyattii qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uu rakkoolee jiraniif furmaata akka qaban waamicha dhiyeessuu isaanii EBCn gabaaseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.