Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Asallaatti hojiiwwan tola ooltummaa gannaa jalqabe

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC)- Magaalaa Asallaatti hojiiwwan tola ooltummaa gannaa jalqabeera.

Hojiin tola Ooltummaa kun Magaalaa Asallaa ganda kombolchaa keessatti manaa fi dallaa qaama miidhamaa haaromsuun jalqabameera.

Sirnicharratti argamuun kan jalqabsiisan itti aanaa Kantiibaa fi itti gaafatamaa waajjira misooma Intarpiraayizii fi Indastirii kan tahan Obbo Miiliyoon Tasfaayee yaada kennaniin ganna kana hojiiwwan manneenii fi dallaawwan qaama miidhamtootaa fi harka qalleeyyii haaromsuu, biqiltuuwwan miil. 3.5 dhaabuuf qophiin taasifamuu himan.

Riqicha xixiqqaa ijaaruu fi barattoota harka qalleeyyiif Uffataa, qalamaa fi dabtara bituun bara barnootaa 2014f gara mana barnootaatti eeguuf kan hojjetamuudha jedhaniiru.

Milkaa’ina hojichaafis hirmaannaan hawaasaa, abbootii qabeenyaa akkasuma dargaggootaa bakka guddaa kan qabuudha jedhan

Olyaad Ahmadtu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.