Fana: At a Speed of Life!

Hojiin Buqqaatota Godina Matakkal gara Qa’ee isaaniitti deebisuu fi ijaaruu hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC) – Hojiin Buqqaatota Godina Matakkal gara Qa’ee isaaniitti deebisuu fi ijaaruu hojjetamaa jiraachuu Humni Qindaawaan Buqqaatoota Deebisu beeksiseera.
Buqqaatoonni kunneen hanqinni deeggarsa namoomaa fi sodaan nageenyaa akka isaan hin muuddanne hojjetamaa jiraachuu Humnichi ibseera.
Lammiileen kunneen yeroof gara Aanaalee Manduraa, Dibaaxxee, Bulanii fi Daanguuritti deebi’uun yeroof giddu gala tokko keessa akka turan kan taasiifamu ta’uu ibsameera.
Lammiileen Galgal Balasii Buqqa’anis gara Qa’ee isaanitti akka deebi’an hojjetamaa jiraachuu himameera.
Buqqaatoonni kunneen jireenya tasgabbaa’aa hanga eegalanitti giddu gala tokko keessa akka turan taasiisuun deeggarsa namoomaa ga’aa ta’e akka argatanii fi sodaa nageenyaaf akka hin saaxilamne hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Lafti qonnaa waloo qophaa’uu fi galteen qonnaa dhiyeessuuf haalli mijataa akka jirus Miidiyaan Naannoo Amaaraa gabaaseera.
Yeroo itti aanu hawaasa waliin yaa’iin araaraa kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.