Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan Bultoonni Godina Addaa Naannawaa Finfinnee oomisha bara kanaa Kilaasteraan oomishaa jiraachuu himame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC) – Qonnaan Bultonni Godina Addaa Naannawaa Finfinnee Aanaa Sulultaa oomisha qonna bara kana kilaastera oomisha jiraachuu himaniiru.
Qonnaan Bultonni Godina Adda Naannawaa Finfinnee Aanaa Sulultaa ganda Gulaallee Gabre’eelii 120 lafa heektara 98 irratti miidhaan gosa garaagaraa Kilaasteraan Facaasaa jiru jedhame.
Bara kana aanichatti lafa heektaara kuma 29 oomisha gosa garaagaraan uwwisuuf karoorfame keessa, lafti heektaarri kumni 14 kilaasteraan misoomaa jiraachuu ragaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumama Aanaa Sulultaarraa arganne ni muuli’sa.
Qonnaan bultooni kumni 1 fi 400 lafa heektaraa 14 oliirratti hojii oomisha qonnaa gannna hojjecha jiru.
Waliigala akka godina Addaa Naannawaa Finfinnetti lafti heektaara kuma dhibba 2 olii misoomuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Hoggannaa Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumama godina addaa Naannawaa Finfinnee obbo Caalaa Adaaree himaniiru.
Lafa misoomaa jiru keessaa heektaarri kumni 103 ol kilaasteran misoomaa jiraachuu dubbataniiru.
Godinichati lafa qonna bara 2013/14tiin misoomaa jiru irraa caallaan kuntaalli miiyiloonni 7.4 argachuuf hojjetamaa akka jirus obbo Caalaan ibsaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.