Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Amboo barattoota kuma 3 fi 524 simachuuf qophiirra jira

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC)- Yuunvarsiitiin Amboo barattoota kuma 3 fi 524 simatee barsiisuuf qophiirra jiraachuu ibseera.

Daayrektaarri waajjira Reejistaraari Yuunvaarsiiticha obbo Maandafiroo Laggasaa akka ibsanitti, yuunvarsiitichi yeroo amma barattoota kuma 3 fi 524 simatee barsiisuuf qophii xumuruu hamaniiru.

Yuunvarsiitichi barnoota eegaluufis lakkoofsa barsiisoota dabaluu himaaniiru.

Hojii gamoowwan hin xumuramnee xumuruu fi kanneen haaromfamaan haaressuun raawwachaa jiraachuu eerananiiru.

Yuunvarsiitiichi barattoota barana simatuun waliigala daandeetti simachuusaati kuma 27 akka qaqqabuu himaniiru.

Barattoota gara Yuunvastiiticha dhufaniif Finfinneerra eegalee tajaajila geejjiba akka laatuu ibsaniiru.

Akka ibsa daayreektarichaatti Yuunvarsiitiichi Waxabbajjii 24 fi 25 barattoota haaraa ni simata.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.