Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Barnootaa Oromiyaa hojii tajaajila lammummaadhaan Birrii biiliyoona 25 tilmaamamu hojjechuuf karoorfachu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2013 (FBC)- Biiroon Barnootaa Oromiyaa hojii tajaajila lammummaadhaan Birrii biiliyoona 25 tilmaamamu hojjechuuf karoorfachu ibseera.

Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Barisoo guyyaa har’aa ibsa miidiyaaleef keennaniin hojii tajaajila lammummaa bara darberraa muuxannoo guddaa argachuun bara kanas gama seektara barnootaan hojii Birrii biiliyoona 25 tilmaamamu hojjechuuf qophiin xumuramuu isaa beeksisaniiru.

Tajaajilli lammummaa qajeeltoo shan kan qabu akka ta’e kan dubbatan Dr Tolaan inni jalqabaa duudhaa ganamaa Oromummaatti deebi’uudha.Halkanii guyyaa hojjechuu,kallattii hundaan dorgomaa ta’uu,qulqullummaa fi tumsii qajeeltoowwan tajaajila lammummaati jedhan.

Bara darbe seektara barnootaan hojii tajaajila lammummaan qarshii biiliyoona 5.2 tilmaamamu kan hojjetame yoo ta’u hojiilee hojjetamanis daree dabalataa 33,247,mana fincaanii,8,195,manneen barnootaa 3654 keessatti bishaan dhugaatii,mana dubbisaa 345 ibsaa,717, dawoo dubisaa 30,347 fi mana yaalii 84 kitaaba miil 1.2 akka ta’e Dr Tolaan ibsaniiru.

Bara kanas hojiilee gurguddoo 11 irratti xiyyeeffachuun hojin tajaajila lammummaa hojjechuuf karoorri xumurameera.

-Olmaa daa’immanii 3,000 marsaa jalqabaan

-Kitaaba miiliyoona 3

-Barnoota ga’eessootaa namoota miiliyoona 3 keennuu

-Mana jireenyaa barsiistootaa 15,000

-Daree dabalataa 11,133

-Mana barnootaa 1775 suuphuu

-Mana fiincaanii 703

-Manneen barnootaa 3654 keessatti ibsaa galchuu

-Manneen barnootaa 3037 keessatti bisaan dhugaatii galchuu

-Magariisummaa manneen barnootaa eegsisuu fi

-Barattoota harkaqalleeyyii 10,000 ta’aniif deeggarsa taasisuun isaan ijoo akka ta’e Dr Tolaan himaniiru.

Milkaa’ina hojiilee tajaajila lammummaa bara darbe hojjetame keessatti Ministeera Mummee Dooktar Abiyyi Ahimadiifi PMNO Obbo Shimallis Abdisaa gumaacha gumaachaniif galateeffataniiru.

Akkasumas namoota dhuunfaa ,dhaabbilee hojiicha kaassa qooda fuudhatanis Dr Tolaan galateeffataniiru.

Milkaa’ina karoorichaafis abbootiin qabeenyaa,dargaggoonni,hawaasni hundinuu akkuma barame tumsa barbaachisu akka godhan Dr Tolaan wamicha dhiyeessuu ragaan Biiroo Dhimmota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaarra argamee ni mul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.