Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee Saa’ud Arabiyaatti argaman torbee lama keessaatti gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2013 (FBC)- Lammiilee Saa’ud Arabiyaatti argaman yoo xiqqatee torbee lama keessaatti gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksisee.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Amabaasaaddar Dinaa Muftiin ibsa laataniiru.

Ibsichaanis Ityoophiyaan filannoo biyyoolessaa marsaa 6ffaa karaa nagaan gaggeessuu danda’uun ishee xiyyeeffannoo idil addunyaa argachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan wayita filanniicha gaggeessitu hokkorri akka umaammuuf qaamoleen eegaa turan jiraataanis filannichi rakkoo tokko malee gaggeeffamuun Ityoophiyaa hawaasa idil addunyaaf fakkeenya ta’uu akka dandeessee himaniiru.

Damee dippiloomaasiitin Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Emireetoora Araba Gamtoomaniitti daawwaannaa hojii taasiisuu fi gara Raashiyaa imaluun Ityoophiyaan hariiroo biyyoota kanneen waliin qabduurratti mari’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Biyyoonni kunneen hidha haaromsaa Ityoophiyaa, hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayii fi dhimmoota walitti bu’iinsa daangaa waliin walqabatan irratti sochii taasisaa jirtu akka deeggaran ibsuusaanii Ambaasaaddar Dinaan himaniiru.

Xiyyeeffannoon lammiileetin Ityoophiyaanoonni Saa’ud Arabiyaatti argaman yoo xiqqatee torbee lama keessaatti gara biyyaa deebisuuf hojjetama jiraa jedhaniiru.

Lammiilee deebisuu qofa osoo hin taanee mirgisaanii akka eegamuuf jilli dhaabbilee garagaraarra walitti babba’aan gara Saa’ud Arabiyaatti imalee hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Jilichi hojii lakkoofsa baqattootaa sirrii fi lammiilee adda baasuu raawwachaa jiraachuu ambaasaaddarichi himaniiru.

Sooddoo Lammaatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.