Filannoo Ityoophiyaan gaggeessite amanamummaa fi nagaa qabeessa kan qabu ture- Garee Filannoo Taajjabuu Gamtaa Afrikaa
Finfinnee, Waxabajjii 16, 2013 (FBC)- Ityoophiyaan filannoo isheen gaggeessite amanamummaa fi nagaa qabeessa kan qabu tureedha jechuun hogganaan Garee Filannoo fi preezdaantiin Naayijeeriyaa duraanii Ooliiseengo Oobaasaanjo himaniiru.
Gariin taajjabduchaa kakaasii filannoorra eegalee hanga guyyaa filannootti adeemsa jiru hordofuu ibsameera.
Iddoowwan rakkoo nageenyaa tureerran alatti adeemsi kakaasii filannoo gama paartileen haqa qabeessummaasa kan eeggatee ture jedhameera.
Mootummaan Ityoophiyaas filannichi gara nagaan akka gaggeeffamuuf tattaaffiin taasisee kan galateeffatamu ta’u ibsaniiru.
Guyyaa filanniicha hirmaannaan qaamoleen taasisaan gaarii akka ture kan kaasaan hogganaan gareechaa Ityoophiyaan filannoo amanamaa fi nagaa qabeessa gaggeessiteetti jedhaniiru.
Hawaasni idil addunyaas Ityoophiyaan guddina dimookiraasiif tattaaffi taasiftuuf deeggarsa akka taasisuu waamicha dhiyeessaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.