Godina Shawaa Lixaatti Filannoon biyyaaleessaa marsaa 6ffaa nagaan xumuramuu ibsame
Finfinnee, Waxabajjii 15, 2013 (FBC) – Filannoon biyyaaleessaa marsaa 6ffaa nagaan xumuramuu Qajeelchi Poolisii Godina Shawaa Lixaa beeksiseera.
Rakkoo Nageenyaa xixiqqoo bakka muraasatti mudateerraan ala filannichi karaa nagaan xumuramuu Itti gaafatamaan Qajeelcha Pooliisii godichaa Komaandar Adaree Tolaan ibsaniiru.
Qophii qaamolee nageenyaan taasifameen cinattiis hirmaannaan uummataa guddaa akka turees Komaandara Adareen himaniiru.
Ummanni godinichaa sochii qaamoolee jeequmsa kaasuun filannicha gufachiisuuf socha’aniin osoo hin dhagahiin qaamolee nageenyaa cinaa dhaabbachuun ga’ee isaanii bahaniiru jedhan.
Waliigala adeemsi Filannichaa haala eeggame caalaatti karaa nagaan xumuramuu dubbataniiru.
Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.