Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaashamanneetti Filannoo nagaan gaggeessaa biqiltuunis dhaabbamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2013 (FBC) – Magaalaa Shaashamanneetti Filannoo nagaan gaggeessaa biqiltuunis dhaabbamaa jiraachuu ibsameera.
Magaalaa Shaashamannee buufataalee filannoo garagraarratti hawaasni karaa nagaan qabeessan filannoorratti hirmaachaa jiru jedhame.
Filattoonni tokko ttokkos haalli raawwachiistoonni filannoo keessummeessa jiran dii mokiraatawaa ta’uu fi haala bilisa ta’een kan murteeffatan filachaa jiraachuu himaniiru.
Magaalaa Shashamannee buufataa filannoo lakk.8 Qaxanaa 8tti aragamuudhaan Kantiibanan Magaala Shashamannee obbo Guutaa Laachorees sagalee kennaniiru.
Obbo Guutaan akka jedhanitti magaalattii keessatti rakkoo nageenyaa tokko malee filannichi geggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.
Jiraattoonni qaxanichatti sagalee kennanis kantiibaa magaalattii waliin ta’uudhaan biqiltuu dhaabuudhaan duula ashaaraa magariisaarratti hirmaataniiru.
Dabalaa Taaddasaa gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.