Eeyyama malee cidhaa fi sababoota garaagaraan richiitiin akka hin dhukaafamne poolisiin hubachiise
Finfinnee, Waxabajjii 12, 2013 (FBC) – Eeyyama malee cidhaa fi sababoota garaagaraan richiitiin akka hin dhukaafamne Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee hubachiise.
Iddoolee garaagaraatti richiitiiwwan eeyyama malee dhukaafamu daheeffachuun qaamoleen dhuunfaa tokko tokko meeshaalee waraanaa seeraan alaa bitan yaalaa jiraachuu fi sodaa nageenyaa uumaa jiraachuu poolisiin qorannoo yeroo adda addaa taasiiseen mirkanaa’uu ibsameera.
Qaamolee dhuunfaas ta’e dhaabbileen eeyyama malee richiitii dhukaasuun kan hin danda’amne ta’uu hubachiiseera.
Qaamolee eeyyamaan ala richiitii dhukaasanirratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu ibseera.
Haalli kun rakkoo nageenyaa akka hin taane hawaasni naannoo isaa eeguun miseensota poolisiif eeruu laachuu akka qabu waamicha dhiyeessuu ragaan Komishinichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.