Godina Arsii Lixaatti filannoon marsaa 6ffaan karaa nagaan akka xumuramu qophiin xumuramuu ibsame
Finfinnee, Waxabajjii 12, 2013 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti filannoon marsaa 6ffaan karaa nagaan akka xumuramu qophiin xumuruu jiraattoonni aanaalee godinichaa ibsan.
Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan nagaan akka xumuramu ga’eesaanirraa eegamu kan ba’an ta’uu Godina Arsii Lixaatti Jiraattotni Aanaa Nansaboo, Magaalaa Warqaa fi Aanaa Kokosaa dubbataniiru.
Sagaleesaanii ofiisaaniitiin murteeffachuudhaaf guyyaa filannoo hawwiidhaan eeggachaa jiraachuu himaniiru.
Guyyaa filannoo sagalee keenya paartii egeree keenyaa fi biyya keenyaa murteessu filachuudhaaf baanee akka filannus hojiin kakaasuu qaamota Boordii Filannootiin hubannoon nuuf kennamee jira kan jedhan.
Filannoon bara kanaa filannoo seena qabeessa akka ta’u ga’een qaamolee hundaatuu barbaachisaadha jedhan.
Milkaa’ina filannoo kanaatiif ga’een paartilee siyaasaa olaanaadha waan ta’eef qooda isaanii akka ba’an gaafataniiru.
Bu’aa filannoo argatan fudhachuu akka qabanis huubachiisaniiru.
Paartiin sagalee ummataatiin filannoo injifate ummataa fi biyya ceesisuuf akka hojjachuu qabu gaafataniiru.
Paartileen injifataman immoo filannoo itti aanuuf cimanii dhiyaachuu akka qaban himaniiru.
Aanaaleen Kokosaa fi Nansaboo naannoon filannoo tokkoo fi buufataalee filannooo 112 akka qaban qindeessaan filannoo naannoo Kokosaa fi Nansaboo obbo Ganamoo Bokkuu himanii jiru.
Jiraattoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 33 fi 541 kaardii filannoo fudhachuu ibsameera.
Buufataalee filannoo 111′ meeshaaleen filannoo qaqqabuu himaniiru.
Buufata filannoo Oogisootiif meeshaalee barbaachisan dhiyeessuuf Waajjira Qindeessaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa damee Godina Arsii Lixaa waliin hojjachaa jiraachuu dubbatanii jiru.
Biqilaa Tufaatu gabaase.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Https://T.Me/Afanoromofana
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii Fanabc.Com/Afaanoromoo
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.