Mootummaan Chaayinaa talaallii Covid -19 doozii kuma dhibba 1 Ityoophiyaaf arjoome
Finfinnee, Waxabajjii 12, 2013 (FBC) – Mootuummaan Chaayinaa gama Dhaabbata Fannoo Diimaa Chaayinaan Waldaa Fannoo Diimaa Ityoophiiyaaf talaallii Covid -19 doozii kuma dhibba 1 arjoomera.
Ityoophiiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zawu Zihiyu’aan weerara vaayirasii kooronaa hariiroo biyyoota lamaanii daraan kan cimseedha jedhan.
Deeggarsi eegalames gara fuulduraattis kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Talaallii doozii kuma dhibba 1 keessaa kumni 40 naannoo Tigraayiif kan raabsamu ta’uu ibsameera.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Https://T.Me/Afanoromofana
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii Fanabc.Com/Afaanoromoo
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.