Kitaabota Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin qophaa’anirratti mariin taasifame
Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC) – Waajjira Preezdaantiitti marii Gumii Balaliin kitaaboota Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin qophaa’an sadi irratti mariin taasifameera.
Kitaaboonni qophaa’anis mata dureewwan Oromiyaa Ijaaruu,Diinagdee Maatiitiin Oromiyaa Ijaaruu fi Tarsiimoo Industiraalaayizeeshinii kan jedhuun barreeffamanidha.
Kaayyoon barreeffamuu kitaabota kanneenii yaada waloo qabaachuun galma tokkoof hojjechuudha jedhame.
Kitaabni Oromiyaa ijaaruu jedhu Hogganaa Komishinii Karooraa Oromiyaa Dooktar Tashoomaa Addunyaatin kan dhiyaate yoo ta’u kitaabichi yaada haraa hedduun kan guutame ta’uu ibsaniiru.
Yaada biyya ijaaru qindeessuun kitaabaan qopheessuun heddu murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Kitaabileen qophaa’an sadan kun Oromiyaa ijaaruun Ityoophiyaa gara badhaadhinaatti ceesisuuf yaadoota ciccimoo kan of keessaa qabaniidha jedhaniiru.
Qabiyyee kitaaboota kanneeniirratti hayyoonni mari’achuu Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa ibseera.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Https://T.Me/Afanoromofana
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii Fanabc.Com/Afaanoromoo
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.