Qormaanni kutaa 8ffaa guyyoota 3f laatamaa ture xumurame
Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC)-Qormaanni Naannoo Kutaa 8ffaa guyyoota sadiif kennamaa ture xumuramuu Biiroo Barnootaa Oromiyaa beeksise.
Oromiyaa keessatti qormaatni kutaa 8ffaa karaa naamusa qabuufi nagaan xumuramuu Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo himaniiru.
Hawaasa barnootaa fi qooda fudhattoota qormaata irratti ga’ee isaanii bahataa turan hunda galateeffataniiru.
Karoora akka naannootti kaa’ame barataa 546, 102 qoruuf karoorfame keessaa, barataa qorumsaaf foormii guute 487,290 yoo tahu ibsameera.
Akka gabaasa OBNtti kan qormaata fudhatan 481,294 ykn % 98 ol tahuunis himameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.+