Proojektiin Qarqara Laga Aweetuu eebbifame
Finfinnee, Waxabajjii 9, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Proojektii Qarqar laga Aweetuu eebbisiisan.
Dooktar Abiy proojektii proojektoota misoomaa biroos ni eebbisiisu jedhameera.
Dabalataan hiriira deeggarsa Paartii Badhaadhinaaf Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Jimmaati gaggeeffamurratti argamuun hawaasa waliin ni mari’atu jedhamee eeggama.
Sirna eebbichaarratti itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin, Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoo,Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Daayreektarri olaanaa Tajaajila odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa obbo Tamasgeen Xirunehi dabalatee hoggantoonnii olaanoon mootummaa Federaalaa fi naannolee biroo argamaniiru.
Muktaar Xahaa fi Tamasgen Allabbaachawitu gabaase..
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.