Fana: At a Speed of Life!

Boordichi guyyaan sagalee laachuu filannoo marsaa 6ffaaf hojiin cufaa akka ta’uu beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyoolessaa guyyaan sagalee laachuu filannoo marsaa 6ffaaf hojiin cufaa akka ta’uu beeksiseera.

Waxabajjii 14, 2013 guyyaa sagaleen itti naannoo Haraarii fi Soomaaleen alaatti dhabbiilee mootummaa federaalaa fi naannoo akkasumas dhaabbileen miti mootummaatti hojiin cufaa akka ta’uu beeksiseera.

Boordiin filannoo biyyoolesaa Wiixata guyyaa sagaleen itti laatamuu ilaalchisee ibsa laateera.

Bu’uruma kanaan guyyiicha lammiilee galmaa’aan hundi sagaleesaanii akka laatanii fi adeemsii sagalee laachuu rakkoo nageenyaa tokkoo malee akka rawwatamuuf qophii taasiseera.

Haaluma kanaan:

1. Lammiileen guyyaa filannoo kana sagalee kennuu qofaaf itti fayyadamuu waan qabaniif, jaarmiyaaleen federaalaa fi naannolee (Naannoo Hararii fi Sumaalee utuu hin dabalatin) kamiyyuu hojiin Waxabajjii 14 cufaa akka ta’u haa taasisan.

– Dhaabbileen tajaajila yeroo hatattamaa kennan, hospitaalonni, dhaabbileen tajaajilaa (Hoteelonni, reestoraantonni, tajaajili geejjibaa) sochii guyyaa cufaa taasifan hunda kan itti fufan yoo ta’u, dhaabbileen kun sochiin taasisan akka cufamu/dhaabbatu dirqami tumsuu hin dirqisiisuun.

– Tajaajilli geejjibaa haala barameen kan itti fufu ta’us lammiileen sagalee kennuun alatti taateewwan fi kaayyoowwan sochii gurguddaa barbaadan akka hin taasisne yookin hin qabanne, guyyaa kana sagalee kennuu qofaaf akka itti fayyadamaan boordichi ni jajjabeessa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.