Deeggarsi mata duree ‘dubartoonni hundi badhaadhinaaf, badhaadhinni dubartoota hundaaf’ jedhu gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Deeggarsi mata duree ‘dubartoonni hundi badhaadhinaaf, badhaadhinni dubartoota hundaaf’ jedhu isyaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Kadhimaamtoonni Finfinneetti paartii badhaadhinaa bakka bu’uu mana maree bakka bu’oota uummataa fi mana maree magaalaa Finfinneef dorgomaan isyaadiyeemii Finfinneetti argamuun dubartootaa waliin wal baru jedhameera.
Dubartoonni kutaa magaalaa adda addaa keessaa walitti babba’aaniis deeggarsa paartii badhadhinaaf qaban agarsiisaa jiru.
Saganticharratti itti aantuu kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, ministiiroota dubartootaa, hooggana partii badhaadhinaa Finfinnee obbo Mallas Alamuu, Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay, kadhimaamtoonni Finfinneetti paartii badhaadhinaa bakka bu’uu mana mare bakka bu’oota uummataa fi mana maree magaalaa Finfinneef dorgomaaniiru.
Haayimaanot Iyaasuutu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.