Dargaggoonni magaalaa Finfinnee deeggarsa Paartii Badhaadhinaaf qaban hiriira ba’uun ibsan
Finfinnee, Waxabajjii 7, 2013 (FBC) – Dargaggoonni magaalaa Finfinnee deeggarsa Paartii Badhaadhinaaf qaban Istaadiyeemii magaalaa Finfinneetti argamuun ibsaniiru.
Hiriirichi “dargaggummaan koo biyya koof,kaardiin koo Badhaadhinaaf ” mata duree jedhuun dargaggoonni kutaalee magaalaa adda addaarraa walitti dhufan deeggarsa Paartii Badhaadhinaaf qaban agarsiisaniiru.
Dargaggoonni kunneen fayyadamummaa dargaggootaa eegsisuu fi magaalaan Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa akka taatuuf ni hojjenna !’dhaadannoowwan jedhuun deeggarsa paartichaaf qaban hiriira gaggeessuun ibsuu isaanii ragaan waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.