Fana: At a Speed of Life!

Tumsa dhiyeessii humna Ityoophiyaa fi Jiibuutii cimsuuf mariin gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2013 (FBC) – Tumsa dhiyeessii humnaa Ityoophiyaa fi Jiibuutii gidduu jiru caalmaatti cimsuuf mariin gaggeeffamuu ibsameera.
Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee durfamuu gita isaa Jiibuutii waliin mari’ate.
Tumsa dhiyeessii humnaa biyyoota lamaani gidduu jiru caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru.
Proojektii madda anniisaa humna Elektirii Bubbee Ayishaa sarara humna elektirikii Ityoophiyaa gara Jiibuutii deemuun wal qunnamsiisuun haala danda’amurratti mari’ataniiru.
Dhaabbata alaa tokko waloon filachuun qorachuuf walii galaniiru.
Marii itti aanu Finfinneetti gaggeessuuf waliigaluu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Maddi anniisaa humna Elektirikii Bubbee Ayishaa marsaa jalqabaan tarbaayinoota meegaa waatii 2.5 maddisiisuu danda’an 48 qabaachuu ibsameera.
Proojektichi naannoo Somaalee aanaa Ayishaatti Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 57.2 hojjetamaa jiraachuu himameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.