Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Odaa Bultumii fi Gubbaa Qorichaatti Proojektoonni misoomaa Birrii miiliyoona 109 oliin hojjataman eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2013 (FBC) –Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultumii fi Gubbaa Qorichaatti Proojektoonni misoomaa garaagaraa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 9 oliin hojjataman eebbifamaniiru.
Itti aantuun Preezdaantii fi Qindeessituun Misooma magaalota Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii Aanaa Odaa Bultumiitti Proojektii Bishaan Dhugaattii Karraa Birrii miiliyoona 93 oliin hojjetamee fi Aanaa Gubbaa Qorichaatti riqichi Laga Kiraaraa baatii afur keessatti Birrii miiliyoona 16 oliin hojjatame eebbisiisaniiru.
Jijjiirrama wareegama qaaliin argameen hojiileen misoomaa gurguddoon hawaas-diinagdee ummata mirkaneessan galmaa’aa jiraachuu aadde Caaltuun dubbataniiru.
Mootummaan jijjiiramaa fedhii fi faayidaa ummatichaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.
Bulchaan Godina Harargee Lixaa obbo Abdurahmaan Abdallaa gama isaaniin fayyadamummaa ummata Godinichaa mirkaneessuuf hojiilee waggootan sadan darban hojjetameen bu’aa olaanaan argamuu ibsaniiru.
Ummanni Aanaa Odaa Bultum Magaalaa Karraa fi naannawa ishees rakkoon bishaan dhugaattii bara dheeraaf ture furamuutti heddu gammaduu dubbachuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii godinichaarraa argame.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.