Fana: At a Speed of Life!

Kallattii ture jijjjiiruun yoo hojjenne waan hin jijjiirramneef hin qabnu – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2013 (FBC) – Kallattii ture jijjjiiruun yoo hojjenne waan hin jijjiiramneef hin qabnu jedhan Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Preezdaant Shimallis bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti argamuun proojektoota garaagaraa eebbisaniiru.
Obbo Shimallis sirna eebbichaarratti haasawa taasiisaniin haala kanaan dura turerraa bifa adda ta’een hojjechuun gara milkaa’inaatti qajeelaa jirra jedhan.
Addunyaarratti dorgomaa ta’uuf dhaloota teeknooloojiitti madaqe,tokkumaa qabuu fi sirna cimaan ijaarame qabachuun dirqama ta’u hubachiisaniiru.
Dhaloonni har’aas proojektoota iddoo garaagaraatti eebbifamuun tajaajila hawaasaaf banaa ta’aa jiran kunuunsuun haalaan itti fayyadamu akka qaban yaadachiisaniiru.
Preezdaant Shimallis hawaasni iddoo jirutti aadaa qusaana babal’isuun egeree ofii jabeeffachuu akka qabanis dhaamaniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.