Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaa,Gujii Lixaa fi Buunnoo Beddelleetti Proojektoonnii garaagaraa eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2013 (FBC) – Godina Arsii Lixaa aanaa Siraaroo,Gujii Lixaa Aanaa Dugdaa Daawwaatti fi Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti Proojektoonni misoomaa ijaarramaa turan xummuramuun eebbifamaniiru.
Godina Arsii Lixaa aanaa Siraarootti riqichi fi daandiin qilee qananii Birrii miiliyoonaa dhibba 3 fi miiliyoona 13’n hojjetaman eebbifamaniiru.
Riqichi hojjetame kun naannoo Oromiyaa, Sidaamaa fi Kibbaa walqunnamsiisa jedhame.
Riqichi kun bal’ina meetira 250 fi gadi fageenya metira 80 kan qabu yoo ta’u,waggaa lama keessatti hojjetamee xummuramuu himameera.
Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaattis proojektoonni misoomaa garaagaraa Birrii miiliyoona 66 oliin hojjetaman eebbifamaniiru.
Akka OBN gabaaseetti aanichatti proojektiin Riqicha Laga Urgeessaa,bishaan dhugaatii, Dareen dabalataa fi wiirtuun leenjii teeknikaa Konee eebbifamaniiru.
Oduma walfakkaatuun Godina Gujii Lixaa Aanaa Dugda Daawwaattis Manni Barumsaa Ifa Boruu Burqaa Arbichoo Birrii miiliyoona39 oliin ijaarame eebbifame.
Jilli Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa, obbo Addisuu Araggaan durfamuu mana barumsaa kana eebbiseera.
Manni barnootaa kun ji’a ja’aa keessatti ijaaramee kan xummurame yoo ta’u, daree barnootaa, Labratoorii, Dirree Kubbaa miilaa of keessaa qabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.