Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan qonnaan bultoota naannoo Tigraayiif galteewwan qonnaa dhiyeessaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2013 (FBC) – Qonnaan Bultoonni Naannoo Tigraay misooma qonnarratti bal’inaan akka hirmaatan mootummaan galteewwan qonnaa dhiyeessaa jiraachuu Biiroon Qonnaan naannichaa beeksise.
Qonnaan bultoonni eeggatummaarraa gara oomishtummaatti akka ce’aniif misooma qonnaarratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraayitti itti aanaa itti gaafatamaan Biiroo Qonnaa obbo Birihaanee Arayaan ibsaniiru.
Mootummaanis galteewwan misooma qonnaaf barbaachisan dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.
Bulchiinsi yerichaa hanqinni dhiyeessii callaa guddiftuu akka hin muuddanne hojjetaa akka jiru himaniiru.
Hanga ammaatti sanyii filatamaa gosa garaagaraa walitti qabame kuntaala kuma 66 keessaa kumni 10 qonnaan bultootaaf raabsamuu eeraniiru.
Yeroo dhiyoo keessatti qonnaan bultootaa aanaalee 61 keessatti argamaniif sanyii filatamaan kan qaqqabu ta’uu dubbataniiru.
Xaa’oon biyyoo kuntaalli kuma dhibba 8 bittaan raawwachuun buufata Jiibuutii ga’uu himaniiru.
Xaa’oo kuntaala kuma dhibba 3 naannicha gale keessaa kuntaalli kumni dhibbi 2 fi kumni 10 qonnaan bultootaaf raabsamuu dubbataniiru.
Yeroo gabaabaa keessatti xaa’oon biyyoo kuntaalli kumni dhibbi 5 Buufata Jiibuutii gara naannichaa kan galu ta’uus eeraniiru.
Bara oomishaa 2013/2014 naannichatti lafa hektaara miiliyoona 1.3 sanyiin uwwisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Maddi:TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.