Fana: At a Speed of Life!

Tiyaatirri Muuziqaa seenaa qabeessi ‘Abbaa Jifaar 2ffaa’ jedhamu agarsiisaaf dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa 30, 2013 (FBC) – Yunvarsiitii Jimmaatti Tiyaatirri Muuziqaa seenaa qabeessi ‘Abbaa Jifaar 2ffaa’ jedhamu agarsiisaaf dhiyaateera.
Taateen kun barattoota ogummaa Tiyaatiraa waaggaa 3ffaan Yunvarsiitii Jimmaan kan dhiyaate ta’uu himameera.
Agarsiisa muuziqaa seenaa qabeessa kanaan seenaa gaarii fi aadaan duudhaalee Jimmaa Abbaa Jifaar 2ffaan hin dubbatamne dhiyaateera.
Taatoon kun Afaan lamaan kan dhiyaate yoo ta’uu sa’aatii 1:30 dheerata jedhame.
Qophiin agarsiisichaa waggaa 1 fi baatii 3 kan fudhate ta’uu fi Barsiisonnii fi barattoonni Yunvarsitichaa 48 irratti hirmaachuu ibsameera.
Barreessaa fi Qopheessaan agarsiisichaa Barsiisaa Zalaalem Tafarii Niguseen, Abbaa Jifaar wayita aangorra turan haala walitti bu’iinsa itti hiikanii fi Dippiloomaasii isaanii agarsiisuuf Tiyaatira dhiyaate ta’uu himaniiru.
Aartiin hariiroo fi tokkummaa cimsuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu Preezdaantiin Yunvarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa ibsaniiru.
Agasriifni kun sadarkaa biyyaatti akka dhiyaatu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Warqaafarraaw Yaalewtu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.