Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Gumbichuutti manni barumsa sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 30, 2013 (FBC)- Godina Shawaa Bahaa Aanaa Gumbichuu ganda Hamaa Qunxishilleetti  manni barumsa sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu eebbifameera.

Sirna eebbichaarratti jilli Hoogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon durfamu argamaniiru.

Manni barumsichaa baajata mootummaa naannoo Oromiyaa Birrii miiliyoona 35 oliin ijaarrame jedhameera.

Manni barnootaa kun barattoota aanaalee Lumee, Ada’aa fi kan Naannoo Amaaraa Minjaar Shunkooraas simatee barsiisuu ni dandaa’a jedhameera.

Daree barnootaa 18, kutaalee laabraatoorii, ICT fi mana kitaabaas of keessaa qaba.

Haaluma kanaan proojektiin bishaan dhugaatii namaa fi beeladoota tajaajilu Aanaa Gumbichuu ganda Adaadii Ejereetti Birrii miiliyoona 25 oliin ijarramees eebbifamuu OBN gabaasera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.