Fana: At a Speed of Life!

Ugaandaan babal’achuu weerara vaayrasii koroonaa hordofee manneen barnootaa cufte

Finfinnee, Caamsaa 30, 2013 (FBC) – Ugaandaan babal’achuu weerara vaayrasii koroonaa hordofee manneen barnootaa cufuu beeksiifte.
Preezdaantiin Ugaandaa Yooweerii Muuseeviiniin weerarri vaayrasii koroonaa 2ffaan daraan babal’chuu isaan manneen barnootaa biyyattii akka cufamanii fi waltajjiiwwan uumataas akka hin gaggeeffamne dhorkaniiru.
Dabalataan tajaajilli Geejjiba ummataa Kamisa dhufuu eegalee ni dhaabbata jedhameera.
Manneen dhugaatii , Shubbisaa, Tiyaatiraa fi manneen Siiniimaas cufamaniiru.
Manneen barnootaa fi waltajjiiwwan ummataa har’aa eegalanii guyyoota 42f cufamanii kan turan ta’uu eerameera.
Ugaandaatti guyyaa tokkotti namoonni kumni 1 fi 259 vaayrasichaan qabamuu hordofee tarkaanfiin kun fudhatamuu himameera.
Biyyattiitti hanga ammaatti namoota kuma 52 fi 929 vaayrasichaan qabaman keessaa lubbuun namoota 374 darbeera.
Maddi:-BBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.