Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujiitti Piroojektoonni gara garaa hojjatamaa turan eebbifaman

Finfinnee, Caamsaa 28, 2013 (FBC) –Magaala Adoolaa Woyyuu fi Aanaa Annaa Sorratti Piroojektoonni birrii miiliyoona 138 oliin hojjatamaa turan xummuramuun eebbifaman.
Jiillii Sadarkaa Ministeeraatti Hogganaa Ijaarsa Sirna Dimokitaasii Fi Dhaabbilee Siyaasa Doktar Alamuu Simee Fi Bulchaa Godina Gujii Obboo Taaddalaa Uddootiin durfamu Piroojektoota Hojjatamaa turan eebbisaniru.
Bara kana akka Oromiyaatti sirna Bulchiinsa Piroojektii fooyyessuun Piroojektoota lafarra harkifataa turaniifi haaraa qulqullinnaa fi baay’innaan hojjatamaa turan kuma 11 oli xumuramanii eebbifamaa akka jiran Doktar Alamuu Simee dubbataniiru.
Bulchaan Godina Gujii Obboo Taaddalaa Uddoo rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf hojii hojjatamaa jirun bara kana bu’uuraalee misoomaa rakkoo hawaas diinagdee uummataa furan yeroo gabaabatti xumursiisanii eebbaaf qopheessuu isaanii dubbataniiru.
Maddi፡- WDhKG.Gujiiti
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.