Warshaan Sukkaaraa Xaanaa Balas Boru ni eebbifama
Finfinnee, Caamsaa 28, 2013 (FBC) – Sukkaaraa Toonii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 3 fi kuma 72 oomishuu dandeettii kan qabu Warshaan Sukkaaraa Xaanaa Balas guyyaa Boruu ni eebbifama jedhame.
Lakkoofsi 1 yaalii oomishaa guyyoota 15 xummuruun eebbaf qophaa’uu himameera.
Guyyaatti shankoorra toonii kuma dhibba 1 fi kuma 60 ol daakuu danda’a jedhameera.
Warshichi yeroo yaalii oomishaa guyyoota 15 keessatti sukkaara kutaala kuma dhibba 2 oomishuu ibsameera.
Guyyaa boruu bakka aanga’oonni olaanoon mootummaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamanitti kan eebbifamu ta’uu hojii gaggeessaan Warshichaa obbo Antaaneehi Asgeen Faanaa Broodkaastiingi Korporeetiif himaniiru.
Proojektiin waraashaa Sukkaaraa Xaanaa Balas naannoo Amaaraa Godina Awwii aanaa Jaawwii keessatti argama
Tsaggaa Taarikuutu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.