Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa wixinee labsii baajata bara hojii 2014f Birrii biiliyoona 561.7 raggaasiise

Finfinnee, Caamsaa 28, 2013 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa guyyaa har’aa wixinee labsii baajata bara hojii 2014 dhiyaate Birrii biiliyoona 561.7 raggaasiiseera.
Bajaatichaan oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoo olaanaan kan hojjetamu ta’uu Dooktar Abiy Fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.
Manni marichaa Yaa’ii isaa idilee 97ffaa guyyaa har’aa gaggeessen jalqab irratti dhimma baajata dabalataa ilaaleera.
 
Kutaa biyyatti gara Kaabaa tarkaanfii seera kabachisuun wal qabate, baasiin bahe, lammilee hongeen miidhamaniif, buqqaatootaaf nyaata, ittisa vaayirasii Kooviid 19’f, dhiyyessi Xaa’oo, loolaa ittisuuf, dandeetti raawwachisummaa Ministeera Albuudaafi boba’aa cimsuuf baajata of eeganno waan dhumeef sirreeffama baasi taasisuf yaadni murtoo dhiyaateera.
 
Baajanni dabalataa, galii “Taaksii” hin taanee,liiqaa biyya keesaa fi deegartoota misoomaa irraa aragamu birrii biiliyoona 26 fi miiliyoona 400 dhiyaateera.
 
Manni mirichaa dhimma sadarkaa lammaffaa irratti ilaale, baajata bara 2014 yoo ta’u, baajata idileef birrii biiliyoona 162, baasii kaapiitaalaaf birrii biliyoona 183 fi miliyoona 500, Naannooleef Birrii biiliyoona 203 fi miiliyoona 95, galma ga’iins misooma waaraaf birrii biiliyoona 12 waliigalaan birrii biliiyoona 561.67 baajata wixine bara 2014 ta’e dhiyaateera.
 
Baajanni bara 2014 kan bara 2013 harka 18 akka irra jiru fi ramaddiin baajataa badhaadhina biyyaaf kallatti kan akeeku waan ta’eef sagalee gutuun raggaasun gara mana maree bakka bu’oota ummataatti qajeelchee jira.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.