Godinaalee Oromiyaa 3 keessatti abbootiin warraa kumni 600 ol miseeensa inshuraansii fayyaa hawaasaa ta’an
Finfinnee, Caamsaa 27, 2013 (FBC)- Godinaalee Oromiyaa 3 keessatti abbootiin warraa kumni 600 ol miseeensa inshuraansii fayyaa hawaasaa ta’aniiru jedhame.
Kun kan jedhames gamaaggama raawwii hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa baatiwwan kurnan darbanii magaalaa Jimmaatti geggeeffamaa jirurratti.
Gamaggamicharratis godinaalee Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi Buunoo Baddallee kan irratti hirmaatan yoo ta’u, abbootiin warraa kumni 600 fi kumni 70 fi 50 miseensa inshuraansi hawaasaa ta’uu isaanii himameera.
Gamaggamicharratti gabaasni raawwii hojii inshuraansii fayyaa hawaasaa kilaastera Jimmaa dhihaatee marii taasifameen hanqinoonnii fi ciminoonni adda bahaaniiru.
Bara kana geeggeessitoonni sadarkaa sadarkaan jiran xiyyeeffanoon kennanii hojjechuun isaanii bu’aa gaarii argamuun akka ciminaatti ka’eera.
Dhaabbiilee fayyaa keessaatti haqqinni dhiyeessi qorichaa kenniinsa tajaajilaa irratti rakkoo uumuun isaa akka hanqinaatti ilaalameera.
Hoji geggeessaan inshuraansii fayyaa damee Jimmaa obbo Nagaa Abbaa Jabal haqina jiru furuuf wajjiraalee eegumsa fayyaa waliin qindoominaan akka hojjetamu himaniiru.
Gamaggamicharratti geggeesitoonnii fi ogeeyyiin fayyaa aanoolee 45 hirmaataaru.
Muktaar Xahaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo Waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.