Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dhuunfaa rasaasoota kuma 19 fi 739 gara magaalaa Baahir Daar galchuuf turan to’annaa jala oolan

Finfinnee, Caamsaa 26, 2013 (FBC)- Namoonni dhuunfaa lama rasaasoota kuma 19 fi 739 gara magaalaa Baahir Daar galchuuf yaalii taasisaa turan to’annaa jala ooluu waajjirri Komishinii Gumurukaa damee Baahir Daar beeksiseera.

Hoji gaggeesaa waajjiricha obbo Alaan Mahaar akka ibsanitti, namoonni dhuunfaa kunneen rasaasoota Turkii Gondar Lixaa aanaa Quwaaraa magaalaa Kadalaagoorra gara magaalaa Baahir Daar galchuuf wayita yaalanitti to’annaa jala oolaniiru.

Shakkamtoonni dhuunfaa kunneen poolisiif dabarfamuun dhimmichi akka qulqullaa’u taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.