Fana: At a Speed of Life!

Paartileen morkaattootaa Israa’eel mootummaa haaraa hundeessuuf walii galan

Finfinnee, Caamsaa 26, 2013 (FBC) – Paartileen morkaattootaa Israa’eel mootummaa haaraa hundeessuuf walii galuu beeksiisan.
Paartileen kunneen dabareen biyya bulchuuf walii galaniiru jedhame.
Waliigalteen kun baroota dheeraaf biyya bulchaa kan turan aangoo Beeniyaamiin Neetaanyaahuuf xummura laachuu danda’a jedhame.
Paartileen kunneen mootummaa hundeessuuf ifatti sirna waadaa galuu osoo hin raawwatin dura murteen paarlaamaa ni barbaachisa jedhameera.
Preezdaantiin Israa’eel Reewuvaan Reeviliinim Paarlaamaan biyyattii sagalee murtoo akka laatu waamicha dhiyeessaniiru.
Miseensoota paarlaamaa 120 kan qabu gamtaan kun sagalee caalmaa paarlaamaan kan hin arganne taanaan Israa’eeliitti waggaa 2 keessatti yeroo 3ffaaf filannoo gaggeessuun dirqama ta’a jedhame.
Muummeen Ministiraa Israa’eel Beeniyaamiin Neetaanyaahuun gama isaaniin adeemsichi ‘gochaa waliin dhahuu guddaa jaarraa kanaati’ jedhuun waliigalticha qeeqaniiru.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.