Ityoophiyaan hariiroon Ameerikaa waliin qabdu akka boora’u hin feetu – Ministeera Dhimma Alaa
Finfinnee, Caamsaa 25, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan hariiroon Ameerikaa waliin qabdu akka boora’u fedhii kan hin qabaanne ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muuftiin haala waqtaawaa ilaalchisuun ibsa torbee laataniiru.
Ityoophiyaan filannoo Diimookiraatawaa gaggeessuuf wayita adeemsa fooyya’aarra jirtuutti dhorkamni Viizaa kaa’ame sirrii akka hin taanee himaniiru.
Dhimmi deeggarsa namoomaa xiyyeeffannoo fi fedhii Ityoophiyaa ta’uu Ambaasaaddar Diinaa kaasaniiru.
Tarkaanfiin Ameerikaa hariiroo biyyoota lamaanii waggoota 120 kan madaaluu miti jedhan.
Odeeffannoon Ityoophiyaan fuula ishee gara Chaayinaa fi Raashiyaatti deebifte jedhamu yaada dogongoraa ta’uu ibsaniiru.
Biyyattiin hariiroo biyya kamiiyyuu waliin qabdu cimsuuf murannoo qabaachuu eeraniiru.
Ityoophiyaan faayidaa fi nageenya biyyaa karaa eegeen biyya kamiiyyuu waliin hariiroo qabdu cimsuuf fedhii qabaachuu himaniiru.
Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.