Fana: At a Speed of Life!

Talaalliin ‘Siinoovaak’ tajaajila yaala tasaa Covid -19f akka oolu beekkamtiin laatame

Finfinnee, Caamsaa 25, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa talaalliin ‘Siinoovaak’ tajaajila yaala tasaa Covid -19f akka oolu beekkamtii laate.
Dhaabbatichi ibsa kenneen,talaalliin Chaayinaa Siinoovaak kanneen mallattoo dhibichaa muraasa agarsiisan % 51, kanneen bal’inaan mallaattoo agarsiisan ammoo guutumaan guutuutti ittisuu danda’a jedheera.
Yaa ta’uutii bu’aa qabeessummaa waliigalaarratti hanqinni odeeffannoo jiraachuu beeksiseera.
Talaallichi beekkamtii argachuu isaa hordofee haqa qabeessummaa raambsa talaallii Covid -19f ni gargaara jedhame.
Talaalliin Siinoovaak yeroo ammaa namoota umriin isaanii waggaa 18 ol ta’eef laatamaa jira jedhameera.
Talaallich biyyoota tokko tokko keessatti bu’aa gaarii argamsiisuu ibsameera.
Keessattuu magaalota Biraaziil keessatti qorannoo taasiifameen talaallichi namoota sababa dhibichaan du’aa turan % 95 ol hir’isuu ibsameera.
Talaalliin Siinoovaak talaallii Siinoofaarmitti aanee oomisha Chaayinaa beekkamtii argate 2ffaa ta’uu himameera.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.