Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin buchiinsa Veetnaam dhimmoota waloorratti

Finfinnee, Caamsaa 24, 2013 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin buchiinsa Veetnaam dhimmoota waloorratti marichuu ibsameera.
Itti gaafatamaan Damee sab quunnamtii Ummataa fi hariiroo idil addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Veetnaam haaraa muudamaan Niguuyyeen Taayin dhimmoota tumsa walorratti mari’ataniiru.
Dooktar Biqilaan Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin bulchiinsa Veetnaam dhimmoota odeeffannoo waljijjiiruu, leenjii fi hojiilee ijaarsa dandeettii birooratti waliin hojjechuun badhaadhina waloo biyyoota lamaaniif tumsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Veetnaam haaraa muudamaan Niguuyyeen Taayin gama isaaniin hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa Veetnaamitti argamuun tumsa waloo biyyoota lamaanirratti akka mari’atan affeeruu ragaan Fuula Paartii Badhaadhinaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.