Fana: At a Speed of Life!

Dhimmi qaamolee dhuunfaa yakkoota garaagaraa raawwachuun to’annoo jala jiranii qulqullaa’aa jira – Komishiniin Poolisii Finifinnee

Finfinnee, Caamsaa 24, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti dhimmi qaamolee dhuunfaa yakkoota garaagaraa raawwachuun shakkamanii to’annoo jala oolaan 900 olii qulqullaa’aa jiraachuu Komishiniin Poolisii magaalichaa beeksiiseera.
Komishinich eeruu ummataa bu’uura taasiisuun kutaalee magaalaa 7 keessaa iddoolee filataman 20tti Caamsaa 22, 2013 opreeshinii gaggeesseen namoota dhuunfaa yakkoota garaagaraa raawwachaa turan 999 to’anno jala oolchuu ibseera.
Dhimmi namoota kanneenirratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu eereera.
Shakkamtoota kunneen keessaa harki caalu maloota adda addaa fayyadamuun guyyaan daandirratti saamicha Bilbilaa, Faaya mormaa, Boorsaa fi qabeenya garaagaraa raawwataa turuu isaanii Komishinichi ibseera.
Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa eegsiisuuf hojii hojjetu cimsee kan itti fufu ta’uu fi jiraattoonni magaalichaa namoota dhuunfaa sodaa nageenyaa ta’uu danda’atan wayita arge odeeffannoo laachuun deeggarsa irraa eegamu akka taasiisu gaafachuu ragaan Komishinicharraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.