Sagantaan Ashaaraa Magariisaa marsaa 3ffaan naannoo Gaambeellaatti eegalame
Finfinnee, Caamsaa 24, 2013 (FBC) – Preezdaantiin naannoo Gaambeellaa obbo Umood Ujuluun sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 3ffaa ifatti eegalchiisan.
Sagantichi Sudaan Kibbaaf biqiltuu qooduun kan eegalamu ta’uu ibsaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan naannichatti mata duree ‘Koottaa Gaambeellaa yaa uwwifnuu’ jedhuun biqiltuu miiliyoona 6.5 dhaabuuf qophiin xummuramuu Preezdaantiin naannoo Gaambeellaa obbo Umood Ujuluun eeraniiru.
Akka EBCn gabaaseetti obbo Umood karoora kana milkeessuuf qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.