Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Proojektii Daandii Saffisaa Adaamaa – Awaash eegalame

Finfinnee, Caamsaa 22, 2013 (FBC) – Qaama Koriidarii Geejjiba Ityoo – Jiibuutii kan ta’e ijaarsi Proojektii Daandii Saffisaa Adaamaa Awaash Kiiloo Meetirri 60 har’a ifatti eegalameera.
Muummeen Minitiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ijaarsa proojekticha ifatti eegalchiisaniiru.
Ijaarsi Proojektii Daandii kanaa Birrii biiliyoona 6.7 deeggarsa Baankii Misooma Afrikaarraa argameeen kan gaggeeffamu ta’uu himameera.
Ijaarsi daandichaa Buufata Jiibuutii daldalli al ergii fi galii Ityoophiyaa % 90 itti gaggeeffamuuf faayidaa olaanaa qabaachuu himameera.
Ityoophiyaa itti fufsiisuu fi misoomsuun Ityoophiyaanootan ala eenyunu kan hin yaaddamneedha jedhan Dooktar Abiy.
Tokkummaa keenya cimsuun hojii misoomaa eegalle itti fufna jedhaniiru.
Hojiin diriirsa sarara humna Ibsaa Ityoophiyaa – Sudaan,Ityoophiyaa fi Jiibuutii gidduutti hojjetamu yeroo dhiyootti kan eegalamu ta’uu Dooktar Abiy sirnicharratti haasawa taasiisaniin ibsaniiru.
Naannicha Daandii Ammayyaan walitti hidhuurra darbee hojiin dhiyeessii Humnaa, daldalaa fi kanneen biroo cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
Nuti tokko yoo taane, nageenyi yoo jiraate Ityoophiyaan shakkii tokko malee ni misoomti jedhan.
Tokkummaa keenya cimsuun qormaata nu muudatu dandamachuun Ityoophiyaa biyya misooman afrikaarraa adda duree taate yaa taasiifnu jechuun ergaa dhaamaniiru.
Yismaaw Adaraatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.