Fana: At a Speed of Life!

Seerrii kaffaltii tajaajiila abbaa seerummaa Ityoophiyaa fooyya’uufi

Finfinnee, Caamsaa 21, 2013 (FBC)- Waggoota dheeraa kan lakkoofsiisee seerrii kaffaltii tajaajiila abbaa seerummaa Ityoophiyaa fooyya’uufi jedhameera.

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa wixinee labsii kaffaltii abbaa seerummaarratti qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin mari’ateera.

Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafii mariicharratti akka ibsanitti, Seerrii kaffaltii tajaajiilaa abbaa seerummaa Ityoophiyaa fooyyeessuu waggoottan 68 ol kan lakkoofisiseedha.

Seerichi manneen murtii tajaajilaa laataniif galii madaalaawaa akka hin arganneef gufuu ta’ee turu eerraniiru.

Kaffaltichi haala yeroo tilmaamaa keessaa kan hin galchinee ta’uun tajaajilicha fooyeessuuf, bu’uraalee misoomaa ijaaruu fi itti fayyadamni teeknooloojii akka hin guddannee taasiseera jedhan.

Ta’us wixineen labsii fooyya’ee dandeetti kaffaltii hawaasaa fi daballii gatii waqtaawaa bifaa tilmaameen ta’uu hubachiisaniiru.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.