Fana: At a Speed of Life!

Balaa xiyyaara Yuukreeniin lubbuun imaltoota 176 darbe

Finfinnee, Muddee 29, 2012 (FBC) –Xiyyaarri Yuukreen imaltoota 180 fe’ee magaalaa guddittii Iiraan Teehiraanii gara Keev imalaa ture kufee caccabuun miidhaa geessisuun isaa himame.

Balaa Xiyyaaraa Yuukreen Iiraan keessatti mudateen lubbuun imaltoota 176 darbuu Ministeerri Dhimmaa Alaa Yuukreen beeksiseera.

Iiraan xiyyaarri Yuukreen Booying 737 rakkoo teeknikaa isa mudateen kufuu hin oolun yaada laattetti.

Balaa qaqqabe keessa namoonni lubbuun jiraatan ni argamu jedhamee akka hin yaadamne hogganaan Addeessa Diimaa Iiraan himeera.

Xiyyaarri Yuukreen ganama har’aa Iiraan keessatti kufee cacaabe lammiilee biyyoota 7 fe’ee imalaa akka ture ibsameera.

Akka Ministeerri Dhimma Alaa Yuukreen ifoomseetti imaltoota lubbuun darban keessaa :-lammiileen Iiraan 82, Kaanaadaan 63, Yuukreen 11, Siwiidiin 10 Afgahaanistaan 4, Jarman 3 fi Biriiteen 3 ta’uu himameera.

Imaltoota imalaaf Tikkeettii muratan keessaa lama osoo hin imaliin hefuu ministeerichi ifoomsee jira.

Maddi:-CNN

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.