Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq Zawdeen Ergamaa Addaa Gamtaa Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 21, 2013 (FBC)-Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen  Ergamaa Addaa Gamtaa Afrikaa Miisheel Siidiibee waliin Eejensii Qorichootaa Afrikaa (AMA) ilaalchisee mari’ataniiru.

Ergamaan Addaa Miisheel Siidiibee hogganummaa Gamtaa Afrikaan kan qabamee qorichoota, oomishaalee yaalaa waliin walqabsiisee teeknooloojiiwwan irratti karoora qaama olaanaa to’atuu hundeessuu preezdaantiittif dhiyeessaniiru.

Preezdaant Saahilawarq Zawdeen  weerara vaayrasii koroonaarra baratamuu akka qabuu fi dhaabbata kana gurmeessuun Afrikaanootaaf fayyaa fooyya’aa fi qaqqabummaa qorichootaa mirkaneessuuf shooraa olaanaa akka qabu himaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.