Fana: At a Speed of Life!

Hiriirri mata duree ‘sagaleen keenya walabummaa keenyaaf’ jedhu gaggeeffamuufi

Finfinnee, Caamsaa 21, 2013 (FBC)- Hiriirri nageenyaa dargaggoo guutuu biyyaatti hirmaachisee mata duree ‘sagaleen keenya walabummaa keenyaaf’ jedhu boruu akka gaggeeffamuu ibsameera.

Hiriirichi biyyoonni alaa giddu seentummaa fi dhimma keessoo Ityoophiyaarrrati dhiibbaa taasisaan mormuun kan gaggeeffamuudha jedhameera.

Mootummaan Ameerikaa tibba darbee dhorkii imalaa fi dhiibbaa Ityoophiyaarratti taasifamuu biyyattin hiyyummaa keessaa akka hin baanee taasisuuf barbaduurra kan maddee ta’uun keessaayuu dargaggoon guddina biyyaaf shooraasaa ba’uu dhiibbaa alaa mormuu qaba jedhameera.

Yeroon amma hawaasni caalmaan tokkummaan dhaabbachuu akka qaban ibsameera.

Hiriirichi Dilbataa boruu 22, 2013 sa’aatii walfakkataan kutaa biyyatti hundaatti kan raawwatamuu yoo ta’uu, dargaggoon lakkoofsan heddumaataan ni hirmaatuun eegama.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.