Abbootiin qabeenyaa dhuunfaa rakkoo mana jireenyaa furuuf ga’ee isaanii ba’uu qabu – Preezdaant Saahilawarq
Finfinnee, Caamsaa 20, 2013 (FBC) – Rakkoo mana jireenyaa furuuf Baankiin misooma manneenii bakka Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen argamanitti ifoomeera.
Rakkoo mana jireenyaa furuuf hojii mootummaan hojjetu cinaatti abbootiin qabeenyaa ga’ee isaanii akka ba’an Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen hubachiisaniiru.
Rakkoon mana jireenyaa hojjettoota galii gadi aanaa qabaniif qormaata guddaa ta’uu Preezdaant Saaliwarq dubbataniiru.
Hanqina mana jreenyaa biyyattii muudate furuuf dhaabbileen dhimmicharratti hojjetan kanneen akka Baankii Salaam barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Baankiin Salaam waggoottan shanan dhufan keessatti lammiilee galii gadi aanaa qabaniif kan tajaajilu manneen jireenyaa kuma dhibba 1 ijaaruuf karoorfachuu ibsameera.
Baankichi lammiilee galii gadi aanaa fi gidduleessaa qabanirratti xiyyeeffatee akka hojjetu Preezdaant Saahilawarq waamicha dhiyeessuu ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.