Waraanni Ityoophiyaa kaayyoo shororkeessummaa Alshabaab fashaleessuun naannicha qulqulleessaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Caamsaa 19, 2013 (FBC) – Waraanni Ityoophiyaa kaayyoo shororkeessummaa Alshabaab fashaleessuun naannicha qulqulleessaa jiraachuu Soomaaliyaatti ajejaan humna nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa Leetanaal Jeneraal Daayoomandee Nidagaayyaan ibsan.
Leetanaal Jeneeraal Daayoomandee Nidagaayyaan haala ergama nageenya kabachiisuu fi dhimmoota walqaban irratti Etaamaajoorii Waliigalaa Raayyaa Ittisaa FDRI Jeneeraal Birihaanuu Juulaa waliin mari’ataniiru.
Naannichatti nagaa buusuuf hojmaanni qindoomina qabu cimee itti fufuu akka qabu Jeneeraal Birihaanuun ibsaniiru.
Soomaaliyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf humna nageenyaa biyyattii cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Leetanaal Jeneraal Daayoomandee Nidagaayyaan gama isaaniin loltoonni Ityoophiyaa Alshabaab waraanurratti guutummaa muul’isaa jiru dinqisiifataniiru.
Naannichaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu eeraniiru.
Tarkaanfii humnoonni nageenyaa irra deddeebiin fudhataniin Alshabaab dadhabaa dhufuu fi ergama shororkeessummaa garichi raawwachuuf ture garaagaraa fashaleessuun danda’amuu Daayreekterri Quunnamtii Alaa Raayyaa Ittisaa FDRI Birgaadeer Jeneraal Bultii Taaddasaan dubbataniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.