Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Adaamaatti sagantaa Tajaajila Lammuummaan harka qalleeyyii fi qaama miidhamtoota kuma 1’f mana ijaaruuf lafti qophaa’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 18, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Adaamaa sagantaa Tajaajila Lammuummaa Gannaan,harka qalleeyyii fi qaama miidhamtoota kuma 1’f mana ijaaruuf lafa qopheessuu beeksiseera.
Magaalichi, qaamolee hojii tajaajila lammuummaa bonaa milkeessuu keessatti hojii fakkeenyummaa qabu hojjetan galateefachuun, beekamtis kenneera.
Bulchiinsi magaalaa Adaamaa hojii tajaajila lammuummaa bonaa cufuun,kan gannaa ammoo saaquu ifoomseera.
Hojii Geggeessaan Mana Qopheessaa Bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Zarfuu Asfawu,labsii tajaajila Lammuummaa mootummaan Naannoo Oromiyaa labse bu’uura godhachuun, magaalaa Adaamaatti,hirmaannaa hawaasaa, dureeyyii fi Dhaabbilee amantaan hojiin misoomaa rakkoo jiraattoota magaalichaa furan hedduun hojjetamuu ibsaniiru.
Qulqullina magaalaa, bo’oo lolaa qulqulleessuu, harka qalleeyyi deeggaruu,hawwattummaa magaalaa dabaluu,daree barnoota dabalataa ijaaruurratti hojii jajjabeessaan hojjetamuu eeraniiru.
Kaantibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee,rakkoo jiraattoota magaalaa Adaamaa furuuf hojiin hawaasa waliin hojjetame gaarii ta’uu ibsaniiru.
Hojii abdachiisaan tajaajila Lammummaa bonaan hojjetame gannas cimee akka itti fufuuf karoorfamuu himaniiru.
Akka OBN gabaaseetti harka qalleeyyiin mana jireenyaa hin qabne mana jireenya akka argatan tattaaffii taasiifamu hawaasni magaalichaa fi dureeyyiin tumsa barbaachisu akka taasiisan waamicha dhiyeessan.
Dhaabbilee Amantaa fi kutaalee bulchiinsa magaalichaa hojii fakkeenyummaa qabu hojjetaniif beekamtiin laarameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.