Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin Bishaan dhugaatii Tulluu Guddoo eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 18, 2013 (FBC) – Proojeektiin Bishaan Dhugaatii Tulluu Guddoo Birrii biiliyoona 1.6 hojjetamaa ture eebbifameera.
Itti aantuun Kaantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Proojektii bishaan dhugaatii jiraattoota kuma dhibba 9 oliif tajaajila laatu Tulluu Guddoo eebbisiisaniiru.
Proojektichi guyyaatti bishaan Meetir kuyuubii kuma 68 maddisiisa jedhame.
Jiraattoota Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii, Boolee, Nifaas Silk Laaftoo fi Qiirqoosiif tajaajila kan laatu ta’uu himameera.
Proojektoonni yeroo hojjetaman faayidaa uummata naannoo proojektichaaf dursa kennuun dirqama ta’uu akka qabu itti aantuu kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach ibsaniiru.
Akka OBN gabaaseetti, uummanni naannichaas tajaajila proojeektichaatti sirnaan fayyadamuu akka qaban dhaamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.